top of page
Search

Amajjii 1, Guyyaa WBO

Amajjii 1, Guyyaa WBO


Seenaa QBO keessatti Amajjii 1, guyyaa WBO ta’ee ayyaaneffama. ABOn qabsoo hidhnoo bara 1973 humna J/ Elemoo Qilxuutiin hogganamuun Harargee Baddaa Carcaritti akka eegalame ni beekama. J/Elemoo osoo hin turin baatii Hagayyaa bara 1974 keessa humna isa jala ture garii waliin lola guddaa gaggeeysaniin Carcar bakka Xirroo jedhamtutti wareegamuun seenaa dha. Sochii isaan yeroo sanitti gaggeessaa turaniin mootummaan Haylasillaasee hedduu rifate. Yeroo san keessatti yeroo duraatiif rasaasni maqaa ABOtiin diddaa gabrummaa mul’isuuf dhuka’uun ummata Oromoo naannoolee jiran hundaa hamilee guddaa itti hore. Oromoon yoo qawwee hidhatee lolate malee mirga abbaa biyyummaa isaa akka argatuu hin dandeenyyees sochiin yeroo san gaggeesseen mul’ise. Qabsoon hidhannoo kan bara 1973 fuula bahaatiin eegalamte wareegamuu J/ Eelemoo Qilxuutiin waggaa lamaaf qabbanooytee turte. Haa ta’uu malee sochii hadhawaa qabsaawoonni yeroo gara garaatti gaggeessaniin bara 1976 keessa bifa haarayaan naannuma bahaatti ABO qabsoo hidhannoo eegale. Haata’u malee WBOn bifa haarayaan bara 1976 keessa ijaaramee booda qacalummaa isaatti rakkinoota hedduutu isa mudate.


WBOn yeroo kamuu keessa rakkoof jilbeeffatee hin beeku. Rakkina isa mudatee ture toftaa, mala, obsa, murannoo fi wareegama itti baasaa rakkoolee gurguddaa injifachaa har’a gahe. Wareegamuu jaal Elemoo booda, WBOn bara 1976 keessa bifa haaraan deebi’ee ijaaramee, isaa waggaa tokko gahu, bara 1977 keessa mootummaan Ziyaad Barree bahaa fi kibba baha Oromiyaa qabachuuf duula guddaa bane. WBO reefuu gad of dhaabaa jiru mootummaa lama of irraa loluuf dirqame. Waraanni mootummaa Somaale Oromiyaa naannoolee waraana Dargii irraa kaase hunda keessatti ummata Oromoo ajjeesuu, qabeenya isaa saamuu fi dubartoota humnaan gudeeduu gochaa koloneffatan raawwatu dalaguutti seene. Mootummaan Ziyaad Barree duula koloneffatummaa isaa dhokfachuuf dhaaba maxxannee kan akka Somaale dhihaa (WSLF) fi Somale Abboo ijaaruun of dura buusee ittiin sochoo’aa ture. Kanaaf humni waraana Somaalee yeroo sanitti Dhaaba maqaa Oromootiin ijaarame kan akka ABO gurraan dhagayuu fi ijaan arguu waan hin barbaanneef dhabamsiisuuf carraaqe. Waraanni Somaalee waraana mootummaa Dargii caalaa naannoo sochii fi qubsumti WBO jirtu barbaadee rukutuuf qindoominaan sochoo’aa ture. Akeekni isaanii hamma ABOn jirutti lafa Oromoo maqaa Somaalee dhihaa fi Somaalee Abbootiin akka qabachuu hin dandeenye waan beekaniif ABO dhabamsiisuun dirqama itti ta’e. WBOn waraana mootummaa Somaalee irratti loloota hedduu gaggeesse. Isaan keessaa lolli bebbeekamoon:

a. Ona Bookee magaalaa Kurfaa Roqaa.

b. Ona Ciroo magaalaa Dagaagaa.

c. Ona Malkaa Bal’oo keessatti ammoo magaaloota akka Jaajaa, Harawii fi Burqaa Saawaa.

d. Gaara Mul’taa keessatti ammoo magaalaa Burqaa Tirtiraa faa keessaatti ture. Loloota kanaan WBO humna waraana somaalee injifatee magaalota kanneen dhuunfate.

Lola humna koloneeffattuu mootummaa Ziyaad Barree wajjin godhu cinaatti WBOn waraaana mootummaa Dargiitiiniis naannoolee akka Oborraa, Haramaayaa, Gaara Mul’ataa, Carcarii fi Habroottiis lolaa ture. Yeroo sanitti humni WBO lola mootummaa lamaaniirraa hafee, jiraatee qabsoo isaa itti fufa jedhee namni yaade hedduu hin turre. Haata’u malee waraanni Ziyaad Barree injifatamee baqaan Oromiyaa gad-dhiisee bahe.


WBO humna waraana mootummaa lamaa lolaa ture keessaa dandamatee gad of dhaabuuf yeroo carraaqu bara 1978 keessa Jaarraa Abbaa Gadaa miseensoota hamma tokkoo waliin dhaabicha irratti finciluun fottoqee bahuun rakkoo gara biraa ture. Humna reefuu gad of dhaabaa jiru keessatti rakkinni kun dhaaba keessatti dhalachuu irraa kan ka’een miseensoonni gariin hamileen isaanii caphuun kaan mana isaatti yeroo galu kaan ammoo diinatti gale. Yeroo reefu qabsoon hidhannoo ABOtiin gaggeeffamu lafaa ka’aa jiru kanatti rakkinni keessaa dhalachuun hegeree qabsoo bilisummaa Oromootiif yaaddoo guddaa ture. Bara san keessa miseensootaa fi hoogganoota murannoo fi hamilee cimtuu qaban qofaatu walitti hafee qabsoo dandamachiisuu duwwaa osoo hin taane bobbaan WBO baddaa Harargee guutummaa fi Arsii gama bahaa dhaqabuu danda’e.


Mootummaan Dargii waraana Ziyaad Barree injifadhe yeroo jedhu humni inni irraa guddaa sodaatu kan ABO akka baddaa Harargee fi Arsii harka guddaa dhunfate odeessii jedhu argatetti daddaffiin loltuu guddaa bobbaase. Duulli Dargii kun dhuma bara 1978 jalqabee bara 1979 guutummaatti kan deemee dha. Humna guddaa sababa lola Somaaleen ijaarrate gara humna ABO reef lafaa ka’aa jiru dhabamsiisuuf bobbaase. WBO dhabamsiisuuf ummata humnicha jiraachisa jedhu naannoo Harargee bahaa fi dhihaa keessatti waraanni mootummaa Dargii ummata Oromoo jumlaan ajjeesuu, hidhuu, qabeenya isaanii saamuu fi manneen qotee bulaa ibiddaan gubuu irratti bobbahe. Humna ABO kan Arsii fi Baalee keessa socho’aa ture irratti duula fakkaataa bane. WBOn duula mootummaan gabroomfataa Dargiitiin itti baname kana dura dhaabbachuu fi fashalsuuf loloota gurguddaa fi xixiqqaas hedduu gageesse. Wareega qaqaliis itti baase. Maayii irratti duula humna waraana mootummaa Dargii itti baname kana WBOn fashalsee injifannoon xumurame. WBOn yeroo waraana mootummaa Dargii fi Somaaleetiin lolaa ture sanitti naannoo sochii isaa itti gaggeeysaa ture keessatti deeggarsa ummata isaa haa qabaatuu malee karaa dhiheessiitiin gargaarsa gara biraa irraa humaa tokkollee argachaa hin turre. Qawwee fi rasaasa diina isaarraa lolee hiikkateen deebisee lolaa ture.


Duulli waraana mootumaa Dargii akka injifatamee of duuba deebi’een hogganooti bakkoota adda addaa turan sababa lolaa irraa wal qunnamuun rakkisaa ture bara 1979 dhuma keessa nannoolee jiranii walitti dhufuun walgahii gaggeeyffatan. Walgahiin kun Kora Godina Bahaa jedhame beekama. Walgahii kana irratti haala keessa dabramee fi kan jiru irratti bal’inaan gabaasaa fi xinxalli godhame. Koruma kana irratti qindominni hojiis godhamee rammaddiin barbaachisuus godhame. Kanumaa waliin karoora hojii fuula duraa lafa kaayyatuun murtii fi ibsa ejjannoo baafachuun walgahiin milkii fi injifannoon xumurame.


Walgahiin qondaalotaa fi hogganoota dhuma bara 1979 godhame murtii jajjaboo dabarse keessaa tokko Amajjii 1, Guyyaa WBO tahee murtaawuu dha. Guyyaan kun akka murtaawuuf yaada kan dhiheesse Itti Aanaan Hayyu Duree ABO yeroo sanaa J/Gadaa Gammadaa ture. Duula diinaa fi rakkoo dhaaba keessatti dhalate irraa haalli WBO keessa dabre salphaa waan hin taaneef, humni kaayyoo fi cichoomina qabu rakkoon injifatamee faca’uu hin danda’u dhaamsa jedhu qabsaawotii bara baraan akka yaadatanii wal yaadachiisaniif guyyaan tokko murtaawee akka ayyaaneffatamu murtiif dhihaate. Kanaaf WBO ayyaana tokko kan maqaa isaan sadarkaa dhaabaatti bara baraan ayyaaneeffatu akka jiraatu jedhame. Guyyaan kunis Amajjii 1, akka tahu murtaawe. Ayyaanni inni duraa Amajjii 1, 1980 irratti sirna ho’aan kabajame. Erga gaafa kanaa Amajjiin 1, dhaaba keenya keessatti kabajamaa har’a gahee jira.


Bara 2018 irraa eegalee Sh-G-ABO karaa nagaa qabsaa’uuf EPRDF waliin walii galee booda WBOn didhaalee lama keessa ture. Gama tokkoon gama Sh-G-ABOtiin fi koree teknikaan akka WBOn hidhatnoo hiikkatee karaa nagaa galu dhiibamaa fi jaarsummaan itti bobbaafamaa; gama biraan ammoo lolli wal irraa hin citne, kan meeshaalee gurguddaa fi keemikaalaan deeggarame; naannoolee Lixa, Kibbaa fi Gidduu Galeessa Oromiyaatti bobbaafamee, waggaa tokkoof weerartuu EPRDF/ODP/EPP waliin lola gaggeessaa har’a ga’e. Haala dhalate kana waliin wal qabatee miseensoti WBO wareega guddaa baasanii, gariin miseensota Sh-G-ABO dhagahuun Xollayitti walitti qabamanii miidhaan qaamaa fi qalbii irratti geessifamee, sadarkaa qaamni isaanii summiidhaan faalamu irra gahee, kaan ammoo magaalaa keessatti ajjeefaman. Bakka WBO cimee harka kennachuu dide keessatti ammoo lolli hamaa weerartuu EPRDF/ODP/EPP fi WBO gidduu gaggeeffamaa lubbuu fi qabeenya Oromoo miidhe. Loltuun weerartuu waan WBOdhaan haleelamteef WBO sodaachuun ummata nagaatti dhukaastee ajjeesuun uummata jilbeeffachiisuuf dhamatettis milkaahuu hin dandeenye. WBO dhabamsiisuuf ummata humnicha jiraachisa jettee yaaddu naannoolee Gujii fi Lixa Oromiyaatti uummata Oromoo jumlaan ajjeesuu, hidhuu, qabeenya isaanii saamuu, biqiltuu lafa irraa ciruu, loon irraa qalatanii nyaachuu, nama fi beellada mana itti cufanii gubuu fi manneen qotee bulaa qabeenya isaa waliin gubdus uummati daranuu WBO cinaa dhaabbate malee WBO dhabamsiisuu hin dandeenye. Akeeki diinaa WBO fi uummata Oromoo adda baasanii, gaaffii Oromoon bara dheeraaf gaafachaa ture ukkaamsuuf ture. Irree fi gaachannii uummata Oromoo, WBOn didhaalee hunda kana keessa darbee weerartuu EPRDF/ODP/EPP haleelee gumaa uummataa baasaa, weerartuu adabaa akka gaaffiin saba Oromoo deebbii argatu karaa haqaa irratti qajeelchaa jira. WBOn har’aas akkuma abbootii isaa durii kan rakkoof harka kennu osoo hin taane kan rakkoo fi didhaa injifatee qabsoo sabaa bakkaan gahuun, furmaata waaraa fiduun uummata guddeessa boqachiisu ta’uu hojiin mul’isaa jira. Kanaaf, uummati Oromoo WBO irraa abdii fi dhugeeffannaa guddaa horatee waliin sosso’uuf guyyaa WBO bifa ho’aan ayyaaneffachuuf qophiitti jira.


Har’a Amajjiin 1, guyyaa ayyaana dachaa ta’ee kabajamuu dha. Guyyaan kun guyyaa barri moofaan dhumatee haaraan seenuu waan taheef bara haaraa simachuuf kabajna. Inni lammaa fi hundeen ammoo WBO reefuu lafaa ka’e dhabamsiisuuf duula diiinni itti bane irraa hafee haga har’aatti falmaa bilisummaa itti fufaa jiru yaadachuu taha. Guyyaan kun WBO biratti akka haalli anja’etti bifa armaa gadiitin kabajama.


a. Waraanni Bilisummaa Oromoo walitti dhufuun ayyaaneffata.

b. Guyyaa kana WBO walii isaa jiduutti dorgommiilee adda addaa kan akka tapha kubbaa miillaa, fiigicha, waldhaansoo, utaalchoo, walaloo, gaaffii fi deebii aadda addaa fi aggammii qawweefaatu godhama

c. Hawwisoon WBO guyyaa kana faaruulee garagaraatiin humna WBO, deeggartootaaf ummata naannoo buhaarsa.

d. Sirbootaa fi dhiichisa aadaa Oromoo kan kutaalee Oromiyaa hundaa miseensoota WBOtiin dhihaatuun ittiin wal buhaarsama.

e. Walaloolee wareegamtoota ittiin yaadatamu, qabsoo ittiin faarfamu, gootota qabsoo irratti kufan ittiinyaadatamu fi kkf ni dubbifamu. Faruuleen warraaqsaa qabsoof nama kakaasan ittiin faarfamu.

f. Walumaa galatti guyyaa kana WBOn haasawa waggaa haarayaa kan hooggana isaatirraa dabruuf caqasee bara haaraya hamilee haarayaan hojjachuuf kan hujii fuula duraatiif itti of qopheessa.

Miseensoti fi deggertooti ABO/WBO kanneen dirree qabsoo keessa hin jirre ammoo walgahii godhachuun, agarsiisa adda addaa qopheeffachuun, faarulee WBO leellisan, hamilee kakaasan wal dhageessisuun, WBO jabeessuuf gumaata adda addaa gochuun ayyaaneffatu.


Amajjii 1, bara 1980 keessa ayyanneeffachuu kan jalqabe yommuu ta’u, yeroo sanitti WBO qofa biratti beekkama ture. Har’a kunoo WBO qofa biratti ayyaaneeffachuu bira dabree babal’atee miseensootaaf deeggartoota ABO/WBO, akkasuma ummata Oromoo biyya keessaa, biyyoota ollaa fi biyyoota ambaa jiran hunda biratti kabajamaa jira. Bifa kanaan kabajamuu erga eegalee bubbulee jira.


Ayyaannii WBO kun amma miseensota, deggartootaa fi ummata Oromoo kanneen bilsummaa isaaniif qabsawanii fi hawwan hunda biratti waggaa waggaan ayyaaneffatama. Guyyaa kana miseensotnii fi deggartootni keenya ummata waliin bakka jiranitti:

e. Faruulee WBO fi WBO faarsan dhaggeeffatuu fi wal dhageessisuun

f. Walaloolee qabsoo fi WBO yaadatan faarsan wal dhageessisuun akkasumas wareegama qabsoo kabajamaa kana irratti tahe wal yaadachiisuun

g. Buusii mallaqaa qabsoo fi WBOf bakka bakkaatti walitti qabuun

h. Karoora bara dhufuu waliif hubachiisuu fi hamilee qabsoo haaromsuun

i. Walumaa gala QBO karaa itti jabeessanii fi jarmayaa fi human qabsoo haaromsuuf of qopheessuun kabajama.

Guyyaan kun WBO biratti akka addaatti ilaalama. Barri moofaan xumuramee barri haarayni yeroo seenu waan ta’eef qophiilee hedduutu gaggeeyffama. Jaarmayoota humnaa jiddutti dorgommiin waan adeemsifamtuuf miseensi hundi kanaaf of qopheessa. Karaa hojii waliigalaatiiniis jaarmaya kamiitu caalmaya argamsiisee fakkeenya gaarii waggaa kana ta’aniis guyyaa kana hawwiidhaan eeggama. Haaluma olitti ibsame kanaan WBOn Amajjii 1, ayyaaneeffata. Guyyaan seena-qabeessi kun of-duras bara baraan, dhalootatti darbee ayyaaneffatamuu qaba.


Injifannoo Ummata Oromoof!!

8 views0 comments
bottom of page