top of page

1. Ummata, uumaa fi gochaa dhala namaan balaan irra gahe yeroon dhaqabee dandamachiisa; jireenya isaanii deebisee gad- dhaaba. 
  2. Balaan uumaa fi gochaa dhala namaa ummata irra akka hin geenye, eeggennoo fi ittisni duraa akka godhamu fi haala balaan gahuu irratti dursanii qophaawuuf sagantaa diriirsa.  
3. Maatii gootowwan qabsoo irratti wareegamanii tajaajila; akka of danda’aniifis gargaara.  
4. Ilmaan deggertootaa fi Oromoo sababa qabsoof yaatimaniif waan danda’amuun dirmachuu.  
5. Jaarmayoota Oromoo hirphaa fi hadhaadhiyyaaf dhaabbatan, akkasumas, haarawaan akka ijaaraman jajjabeessa. 
6. Dhuma jaarraa 19ffaa irraa kaasee, yakka dhala namoomaa fi dhiitamiinsa mirga dhala namaa saba Oromoorratti raaw’atame fi  shanyi-duguuggaa (genocide) irratti adeemsifame kan qoratu fi galmeessu komishina walaba dhaabee fi  jaarmayoota mirga dhala namoomaaf dhaabbatan mara hirmaachisee ragaa hin baabsine funaanee  haqa dhokate ifa baasuun lamada yakki akkanaa saba Oromoo fi saboota biraarrattiis akka hin deebineef: barnoota kennuufii, lammiiwwan miidhamanii fi dhumaniifis beenyaan kennameefii fi muuziyamiin tolfameefii dhalootaa dhalootatti akka yaadataman taasisuu. 

bottom of page