1. Warra hujii dhabuun rakkatan gargaaruu, dandeetti isaanii ol-kaasuu fi deebisanii leenjisuun akka hujiitti bobba’an godha.
2. Maatii (warra) akka maadhee bu’ura hawaasaatti tiksa.
3. Daa’imman hamaa hunda irraa tikfamanii kunuunsaan guddatanii boru dirqama hawaasni isaan irraa eegu guutuu akka danda’aniif sagantaa tajaajilaa fi guddisaa diriirsaafi.
4. Dargaggoonni, amala farra hawaasaa horatanii, hawaasa irratti ba’aa akka hin taaneef: ijaaruun barsiisuu, sagantaa spoortii, dorgommiilee fi leenjii adda addaa qopheessa.
5. Gootowwan, qabsaawotaa fi miseensota ummata bal’aa keenyaa kan qabsoo irratti qaamaa hir’atan tajaajiluu fi gargaaruu; akka oomishaa irraa hirmaataniif sagantaa qopheessa.
6. Maanguddoota umrii dheerachuun qaamaa dadhabanii gargaarsa maatii hin qabne soora, tajaajila.
7. Qabsaawota umrii dheerrachuun qooda kennuu dadhabaniif tajaajila addaa kenna.
9
8. Baqattooti fi lammiileen Oromoo biyya ambaa jiran, Oromiyaatti deebi’anii biyya akka tajaajilan godha.
9. Daa’imman haadhaa fi abbaa dhabanii fi hiyyooman mootummaan Oromiyaa, ni guddisa; ni kunuunsa.