top of page

1. Tajaajilli fayyaa, hundaaf tola akka dhaqabuuf: kilinikoota, dhaabbatoota eegumsa fayyaa fi hospitaalota bal’inaan ijaara.  

2. Dhukkuboota daddarboo ta’an: ittisuu fi waldhaanuu, qorichaa fi vaaksiinii(talaallii) kennuu fi  barnoota fayyaa bu’uraa babal’isuu.  
3. Dhukkubni HIV/AIDS, akka hin babal’anne barnoota of eeggannoo jabeessu kenna.  
4. Wanneen araada ta’uudhaan, fayyaa fi sammuu namaa irratti miidhaa waan fidaniif addunyaa irratti dhorkaman: horatamuu, dhimma itti bahamuu fi gurguramuu dhorka.  
5. Waldhaansa aadaa ykn cirreessa ummatni keenya beeku jajjabeessuudhaan akka saayinsii baranee wajjin walfudhatu godha.  
6. Warreen hir’ina sammuu fi qaamaan dhibamaniif bakka itti eegamanii fi tajaajilaman godhuun kaabsachiisuu fi hawaasa keessatti akka of jiraachisan godha. 
 
7. Hojjettoota gargaasa duraa dabalatee, hojjettoota fayyaa hedduminaan leenjisuun bobbaasa.

bottom of page