top of page

1. Qabeenyaan Oromiyaa akka hin miidhamne fi hin badne ni tiksa.  
2. Bosona Oromiyaa tiksuu fi bakka irraa dhumetti sagantaa deebisanii bosoneessuu daddaaffiin ni diriirsa.  
3. Bineensota hunda, keessattuu, kanneen Oromiyaa keessatti malee hin argamneef tika addaa kennuu.  
4. Warshaalee qulqullina qilleensaa naannoo summeessan to’achuu.  
5. Kosiin nuukleerii (Nuclear Waste) fi kkf akka Oromiyaa hin seenne dhoorkuu. 
6. Waldootaa fi jaarmayoota akeeka eegumsa uumama naannoof dhaabbatan jajjabeessuu, ijaaruu fi gargaaruu. 
7. Aramaan adda addaa midhaan gargaarsaa ala irraa dhufan wajjin Oromiyaa seenu ittisuuf midhaan gargaarsaa ala irraa dhufu qoratame malee akka hin seenne; akkasumas, keemikaalli abaaboo fi warshaa adda addaa irraa bahan lafaa fi laggeen Oromiyaa akka hin balleessine to’ata. 
8. Tajaajila fi eegumsa bineensota Oromiyaaf godhamu jabeessuun tourism babal’isuuf, paarkiiwwan Oromiyaa keessa jiran kunuunsa, haaraa ijaara. 

bottom of page