1. ABOn, imaammata diinagdee wal makaa hordofa.
2. Lafti Oromiyaa, tan ummata Oromoo ti. Dhaabni kun, sirna dhimma bahumsa lafaa hundeen dimookraatawaa ta’e hujii irra oolcha.
3. Qonnaan bultootni, jireenya isaanii fooyyeffachuuf mataattis ta’e gurmuun tattaaffii godhan ni deggera; ni jajjabeessa, akkasumas, ijaaramanii oomisha isaanii irraa faayidaa guddaa akka argatan ni saganteessa.
4. Qonnaan bultootni, oomisha isaanii akka guddifatanii fi babal’ifataniif, beekumsa qonnaa baranee (modern agricultural extension) ni babal’isa.
5. Jireenya horsiisee bultootaa kan wayyeessu sagantaa ni diriirsa.
6. Oomisha guddisuuf qonna baranee ni babal’isa.
7. Qabeenyaan: uumaa, diinagdee fi tajaajilli hawaasaa gurguddoon jireenya ummataaf murteessoo ta’an mootummaadhaan geggeeffamu.
8. Ijaarsa bu’uura misoomaa (Infrastructure) kan akka: madda humnaa (source of energy), hadiida baaburaa, karaa makiinaa, Telecommunication, karaa gurguddoo fi dirree xiyyaaraa fi kkf ni babal’isa.
9. Sagantaalee: warshaa guddisan, investments harkisan fi agroindustrial babal’isan ni diriirsa.
10. Galii biyyaa gabbisuudhaaf daldala (seedata) ni jajjabeessa; ni babal’isas.
11. Laggeeni fi qabeenyaa bishaan Oromiyaa, seera idil addunyaa osoo hin faallessine akka dagaaginaa fi guddina biyyaaf oolanitti sagantaa dhimma bahiinsaa diriirsa.
12. Oromoota humnaani fi gocha "saba-duguuggii" (genocide) alagaatiin qubsuma isaanii irraa buqqifaman qe’eetti deebisanii qubsiisuu fi/ykn hirphuu.