1. Afaan Oromoo, qubeen, sadarkaa hundatti baratamee akka ittiin hojjetamu godha.
2. Barnoota tolatti hundaaf banaa taasisuu.
3. Namootni gameeyyiin akka wallaalummaa keessaa bahaniif duula wallaalummaa balleessuu dhaabbataa geggeeysa.
4. Barnoota sadarkaa dura hunda irratti dirqii taasisuu.
5. Dhaabbata (Institute) Afaan Oromoo: qoratu, waaltessuu fi dagaagsu dhaaba. 6. Dhaabbatoota barnootaa, kan saayinsii fi teekinoloojii irratti leenjisanii fi qoratan dhaaba; gargaara.
7. Kaarikulama barnoota idilee fi ogummaa walfudhachiisuu diriirsa.
8. Sirna gadaa kan dhaalmayaan dhufe: qorachuu, guddinaa fi dagaagina hawaasa Oromoo ammaa fi hegeree keessatti akka qooda kennu taasisa.
9. Sagantaa barnoota oolmaa daa’immani diriirsa.
10. Qaama hir’eeyyiif sagantaa barnootaa ni tolcha.